Skip to content
  Saturday 16 May 2026
  • Home demo times
  • VOE VIDEO
  • ENGLISH PAGE
  • Home Demo default 2
  • News
VOE
  • DESIGN
    • All
    • AFRICA
    • ART and CULTURE
    • BUSINESS
    • ECONOMY
    • EDITORIA
    • ENTERTAINMENT
    • ertips
    • Events
    • FEATURED
    • General
    • General
    • HOT
    • law
    • Media tips
    • News
    • News2
    • OPINION
    • POLITICS
    • Reaction
    • SOCIETY
    • SPORT
    • TIPS 1
    • TOP NEWS
    • VIDEO
    • WORLD
    • ማህደር
    • ያበደው

    የሠሜኑን ጦርነት ተከትሎ ወንጀሎችን ተጠያቂ የማድረጉ ሥራ ዓለም አቀፍ መርሆዎችን ተከትሎ እየተከናወነነው

    June 1, 2022

    በትግራይ ክልል ተቋርጦ የነበረው የትራንስፖርት አገልግሎት ተጀመረ

    February 1, 2021

    በተዓምር የተረፈች ህይወት ህያው ምስክርነት – ‘አትሙቺ ያላት ነፍስ

    December 14, 2021

    የአጥንት ህመም መነሻ መንስኤዎችና መፍትሄው

    August 20, 2024

    ሞዐ ተዋሕዶ ምንድን ነው? [ሞነግ] “ነጻ አውጪ ግምባር” ወይስ ?

    August 13, 2025
    Prev Next Showing 1 Of 1493
  • News
    • NEWS 2
  • AFRICA
    • WORLD
  • VIDEO
  • HOT
  • POLITICS
    • INTERVIEW
    • OPINION
    • SOCIETY
    • ENTERTAINMENT
    • ያበደው
    • SPORT
    • ማህደር
      • Travel
      • Social media
      • Stars
      • Technology
      • Tourism
      • Trends
    • Music
      • Movies
VOE
VOE
  • Home demo times
  • VOE VIDEO
  • ENGLISH PAGE
  • Home Demo default 2
  • News
VOE
  News  Ibsa Humna Waloo Nageenyaarraa Kenname
News

Ibsa Humna Waloo Nageenyaarraa Kenname

Ethioreview newsEthioreview news—April 30, 2023
FacebookX TwitterPinterestLinkedInTumblrRedditVKWhatsAppEmail

Humni Waloo Nageenyaa ibsa baaseera.

Humni walichaa humnoota finxaaleyyii biyya keessaafi alaa naannoo Amaaraatti aangoo naannichaa humnaan qabachuuf socho’an irratti tarkaanfii seeraa keessa deebii hin qabne fudhachaa jiraachuu Eebla 20, 2015 beeksisuu yaadachiiseera.

Humni walichaa tarkaanfii fudhachaa jiruun shakkamtoota gareen qindaa’uun gocha shororkeessummaa raawwachuun argaman 47 meeshaalee waraanaa hedduu waliin to’annoo jala oolchuu ibseera.

Shakkamtoonni kunneen ajjeechaa aanga’oota olaanoo naannoo Amaaraarratti qiyyaafachuun, sirna heera mootummaa humnaan diiguun caasaa mootummaa naannichaa to’achuun mootummaa federaalaa humnaan fonqolchuuf biyya keessaafi alatti qindaa’uun gareen osoo socho’anii bira gahamuu eerameera.

More stories

M.M.M.W Ariifachiisaa 2ffaa Gaggeesseen  Turtiin Labsii Yeroo Ariifachiisaa Akka Gabaabbatu Murtoo Dabarse

January 26, 2022

Shira Gabaa Finxaaleyyiin Uumame Cinatti Rakkoon Gaggeessummaa Qaala’insa Gabaa Mul’ateef Sababa Ijoodha- Obbo Awwaluu Abdii

April 4, 2023

Injifannoon Baahaa Fi Lixaatti Argamee Giddugala Biyyatti Akka Irra Deebi’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Himan

December 2, 2021

Bilisummaan Jabaattee Itti Fufti-MM Abiy Ahimad

April 8, 2023

Humni walichaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif ergeen, mootummaan dirree diimookiraasii bal’isuufi qabsoo yaadaaf carraa bal’aa waan kenneefi akkasumas rakkooleen karaa marii akka furamaniif tattaaffii taasiseen hedduun carrichatti fayyadamuu yaadachiiseera.

Haa ta’u malee humnoonni finxaaleyyii uummata Amaaraa bakka hin buune filannoo nageenyaa mootummaa ofirraa dhiibuun deeggartoota isaanii biyyoota alaa jiran waliin ta’uun garee siyaasaa, loltuummaa, intalajansii, miidiyaafi faayinaansii akka hundeessan bira gahamuu humni walichaa ibseera.

Damee siyaasaa, loltummaa, intalajansii, faayinaansiifi miidiyaa garee finxaaleyyii kanaa kan hoogganu nama Dooktar Wandoosan Asaffaa jedhamuun beekamu ta’uu kan eere ibsichi, damicha miseensota diyaaspooraa finxaaleyyii 16 biyyoota garaagaraa jiraatan waliin hidhata uumuun deeggarsa loojistiksiifi maallaqaa taasisuun naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaar irraa eegalee hojii hidhattoota filuu, leenjisuu, hidhachiisuufi bobbaasuu hojjechuun sadarkaa naannoofi federaalaatti jeequmsaafi ajjeechaa akka raawwataniif ergama laachaa akka ture hordoffii fi qorannoo taasifameen bira gahamuu ibsameera.

Kanaaf ammoo ajjeechaan Ballaxaa Shaggaawufi Mihirat Wadaajoo maqaa Mirree Wadaajoo jedhuun beekamuuniifi deeggartoota isaaniin Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaarratti raawwate agarsiistuu ta’uu kaafameera.

Humnoonni finxaaleyyii biyya keessaafi alaa kunneen qindoomina uumaniin kaayyoo badiisaanii raawwachiisuuf aanaalee Amaaraafi kanneen biroo 130 keessatti namoota dhuunfaa 450 qindeessuun hoggantoota uummanni Amaaraa filateefi sadarkaa aangoo garaagaraarra jiran humnaan fonqolchuun hojii caasaa mataasaaniin bakka buusuu osoo hojjetanii hordoffiifi qorannoo taasifameen bira gahamuu ibsameera.

Dabalataanis humna nageenyaa naannichaas hidhattoota mataasaaniin bakka buusuuf qophaa’anii turuu ragaan argame kan mul’isu ta’uu kaafameera.

Dooktar Masfin Hayilamaariyaam, Dooktar Giruum Laaqawufi kanneen biroon biyya alaa taa’uun damee siyaasaa garee finxaaleyyii kana qindeessaa turuu, Antaneeh Birihaan, Warquu Guwaaddeefi kanneen biroon ammo maallaqa biyya keessaafi alaa ergamu fuuchuun ergama shororkeessummaaf akka oolchaniif lakkoofsi herrega baankii akka banameef hordoffiifi qorannoo taasifameen mirkanaa’uu eerameera.

Teewoodiroos Asaffaa dabalatee namoonni biroon sochii shororkeessummaa kanaan shakkamuun to’annaa jala ooluu humni walichaa ibsasaan beeksiseera.

Dameen miidiyaafi hololaa(Pirooppogaandaa) garichaa kan hogganamu Maskaram Abarraa kan jedhamtuun ta’uu kan ibse humni walichaa, gurmaa’insa kana keessatti biyya keessaa namni dhuunfaa Daawwit Bagaashaaw jedhamu alaa ammoo Ityoo 360fi Merrejaa TVrraa Habtaamuu Ayyaaleewu, Minaalaachoo Simaachoo, Biruuk Yibaasiifi Iyyeerusaalam Taklatsaadiq akkasumas Zamadkun Baqqalaafi Lidatuu Ayyaalew miidiyaa Ankar irraa Masaay Mokonnin fi namoonni dhuunfaa biroon miseensota gocha badii kana raawwachiisan ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ibsameera.

Humnoonni finxaaleyyii kunneen oduu sobaa uumuunfi holola shororkeessummaa afarsuun uummata sabaaniifi amantaan qoqqooduuniifi walitti buusuun mootummaa naannoofi federaalaa humnaan fonqolchuuf akkasumas biyyattiin daandii jijjiiramaafi misoomaa eegalte keessaa baatee gara jeequmsaatti akka galtuuf gareen qindaa’anii hojjechaa jiraachuu eerameera.

Humnoota finxaaleyyii biyya keessaafi alaa gareen gurmaa’uun sobaan biyya diiguuf socho’an kanneen qorannoon shororkeessummaa irratti gaggeeffamaa jiraachuu humni walichaa ibseera.

Humnoonni shororkeessaa kunneen biyyoota jiraatanii dabarfamanii akka kennamaniifi seeraan akka gaafatamaniif akkaataa waliigaltee dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool akkasumas mootummaafi dhaabbilee nageenyaa biyyoottanii waliin taasifameen hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Humnoonni finxaaleyyii biyya alaa jiraataniifi barbaadaman kunneen qabeenya biyya alaafi keessaa argatan fayyadamuun gocha badii kanaaf oolchaa jiraahuu qorannoon kan bira gahame waan ta’eef hojiin qabeenya isaanii biyya keessaa adda baasuufi seeraan to’achuu hojjetamaa jiraachuu humni walichaa beeksiseera.

Humnoonni finxaaleyyii heera mootummaafi sirmna heera mootummaa humnaan diiguun socho’aa turan kunneen humnoota farra nageenyaa tokkummaa Ityoophiyaa hin barbaadne waliin qindaa’uun mootummaa humnaan fonqolchuuf osoo hojjetanii to’annaa jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Hawaasni qaamolee tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhatamu hojii hidhannoo hiikkachiisuun walitti hidhuun burjaajjii uumuuniifi odeeffannoo dogoggoraa tamsaasan irraa akka of eeguufi irratti akka qabsaa’u humni walichaa waamicha dhiyeesseera.

Oppireeshiniin eegalame galma akka gahuuf hawaasni hirmaannaa guddaa taasisaa jiruuf galateeffachuun namoota to’annoo seeraa jala akka oolaniif barbaadamaa jiran bakka jiran akka eeruuf waamicha taasiseera.

  • ፖሊስ “ቴዎድሮስ በሚስቱ ሚዲያ ለምን ቤቱ ቅጭ ብሎ መግለጫ አይሰጥም ነበር?
    ዘፈኑ ገና ከመለቀቁ በፊት ጀምሮ በተከታታይ አየሩን የያዙት መረጃዎች ሁሉ በኦፊሳል ከቴድሮስ ካሳሁን፣ ከባለቤቱ ወይም በህግ የሚታወቁ ወኪሎቹና ተቋማትን ምንጭ ያደረጉ አልነበሩም። ይህ… Read more: ፖሊስ “ቴዎድሮስ በሚስቱ ሚዲያ ለምን ቤቱ ቅጭ ብሎ መግለጫ አይሰጥም ነበር?
  • “ኢሳያስ ከአሜሪካ ወዳጅነትን ይፈራሉ፤ ግንቡ ይፈርስባቸዋል” ቲቦር ናጊ
    ለሶስት አስርት ዓመታት በማዕቀብ ተቆልፎባት የኖረችው ኤርትራ በኢትዮጵያ ለውጥ መምጣቱን ተከትሎ ሰንሰለቱ ተበጥሶላት ነበር። ጦርነትም፣ ሰላምም ባልነበረበት ሁኔታ ተዘግቶባት የነበረችው ኤርትራ ከኢትዮጵያ ጋር… Read more: “ኢሳያስ ከአሜሪካ ወዳጅነትን ይፈራሉ፤ ግንቡ ይፈርስባቸዋል” ቲቦር ናጊ
  • ፕሮፌሰር መሐመድ ሐሰን የፕሬዚዳንት ኢሳያስ የግል አምባሳደር
    በኢትዮጵያ ፖለቲካና የታሪክ ጥናት ውስጥ እጅግ አነጋጋሪ ሰው ናቸው። በሁለት ጽንፍ ተፈርጀው ይተቻሉ። በአንድ በኩል “ለኦሮሞ ሕዝብ ማንነትና ታሪክ የታገሉ ምሁር” የሚሏቸው አሉ።… Read more: ፕሮፌሰር መሐመድ ሐሰን የፕሬዚዳንት ኢሳያስ የግል አምባሳደር
  • የአውሮፓ ህብረት ሻዕቢያ ጣልቃ ገብነት እንዲያቆም አሳሰበ – ኤርትራዊያን ተቃውሞ አሰሙ
     የአውሮፓ ህብረት የአፍሪካ ቀንድ ልዩ መልዕክተኛ ዶ/ር አኔት ዌበር Dr. Annette Weber ለኤርትራ መሪዎች ጣልቃ ገብነታቸውን እንዲያቆሙ አሳስበው መመለሳቸውን ተልትሎ በግል የኤክስ ገጻቸው… Read more: የአውሮፓ ህብረት ሻዕቢያ ጣልቃ ገብነት እንዲያቆም አሳሰበ – ኤርትራዊያን ተቃውሞ አሰሙ
  • ምርጫ ለማጨናገፍ ሻዕቢያ ያዘጋጀው የፕሮፓጋንዳ ማንዋል “ምርጫ ማክሸፍ የህልውና ጉዳይ ነው” ይላል
    ሻዕቢያ በአሜሪካ ባደራጀው የሳይበር አጥቂ አማካይነት በተግባር የሚውል የፕሮፓጋንዳ ሰነድ አዘጋጅቶ ማሰራጨቱን፣ ሰነዱ የተላከላቸው ለቪኦኢ አስታወቁ። ሰነዱ እሰክ ፊታችን አርብ ድረስ በሚደረገው የቅሰቀሳ… Read more: ምርጫ ለማጨናገፍ ሻዕቢያ ያዘጋጀው የፕሮፓጋንዳ ማንዋል “ምርጫ ማክሸፍ የህልውና ጉዳይ ነው” ይላል
Oromiffa
FacebookX TwitterPinterestLinkedInTumblrRedditVKWhatsAppEmail
“Ethiopia Key Strategic Partner For EU”
ሩዋንዳውያን የሆነው ሁሉ ከመሆኑ በፊት እኛን ይመስሉ ነበር!
Related posts
  • Related posts
  • More from author
News

ፖሊስ “ቴዎድሮስ በሚስቱ ሚዲያ ለምን ቤቱ ቅጭ ብሎ መግለጫ አይሰጥም ነበር?

April 26, 2026
News

“ኢሳያስ ከአሜሪካ ወዳጅነትን ይፈራሉ፤ ግንቡ ይፈርስባቸዋል” ቲቦር ናጊ

April 26, 2026
News

ፕሮፌሰር መሐመድ ሐሰን የፕሬዚዳንት ኢሳያስ የግል አምባሳደር

April 13, 2026
Load more
Read also
News

ፖሊስ “ቴዎድሮስ በሚስቱ ሚዲያ ለምን ቤቱ ቅጭ ብሎ መግለጫ አይሰጥም ነበር?

April 26, 2026
WORLD

ቅዳሜ ምሽት በዋሽንግተን ዲሲ ሂልቶን፤ ሶስት ቀን የተደበቀው “ትኩላ” ዝርዝር ሪፖርት

April 26, 2026
News

“ኢሳያስ ከአሜሪካ ወዳጅነትን ይፈራሉ፤ ግንቡ ይፈርስባቸዋል” ቲቦር ናጊ

April 26, 2026
WORLD

አውሮፓ ህብረት የጋራ መከላከያ ለማቋቋም የስምምነት ረቂቅ ሊያዘጋጅ ነው

April 26, 2026
WORLD

የኢልሀን ኦማር የ30 ሚሊዮን ዶላር የሀብት መዝገብ እየተመረመረ ነው “የሂሳብ ስህተት ነው” ብላለች

April 26, 2026
WORLD

የፔትሮ-ዶላር ግርዶሽ! ወደ ዘመን ዩዋና?

April 26, 2026
Load more
Recent Posts
  • ፖሊስ “ቴዎድሮስ በሚስቱ ሚዲያ ለምን ቤቱ ቅጭ ብሎ መግለጫ አይሰጥም ነበር? April 26, 2026
  • ቅዳሜ ምሽት በዋሽንግተን ዲሲ ሂልቶን፤ ሶስት ቀን የተደበቀው “ትኩላ” ዝርዝር ሪፖርት April 26, 2026
  • “ኢሳያስ ከአሜሪካ ወዳጅነትን ይፈራሉ፤ ግንቡ ይፈርስባቸዋል” ቲቦር ናጊ April 26, 2026
  • አውሮፓ ህብረት የጋራ መከላከያ ለማቋቋም የስምምነት ረቂቅ ሊያዘጋጅ ነው April 26, 2026
  • የኢልሀን ኦማር የ30 ሚሊዮን ዶላር የሀብት መዝገብ እየተመረመረ ነው “የሂሳብ ስህተት ነው” ብላለች April 26, 2026
  • የፔትሮ-ዶላር ግርዶሽ! ወደ ዘመን ዩዋና? April 26, 2026
  • ፕሮፌሰር መሐመድ ሐሰን የፕሬዚዳንት ኢሳያስ የግል አምባሳደር April 13, 2026
  • Iran reneges on key point of ceasefire amid allegations of broken promises   April 8, 2026
  • Erdogan warns of ‘sabotage’ in Iran ceasefire during Trump call April 8, 2026
  • እዚህ ሀገር ያሉ የኤርዶኻን ወኪሎች እንዲያውም ቁርጣቸውን ቢያውቁ… April 8, 2026
  • የአውሮፓ ህብረት ሻዕቢያ ጣልቃ ገብነት እንዲያቆም አሳሰበ – ኤርትራዊያን ተቃውሞ አሰሙ April 8, 2026
  • ትዕይንተ ሕዝብ ወይስ ትዕይነተ ውድቀት? – መልማዮቹና ለኪዎቻቸው ዒላማ ያደረጉት ምን እንደሆነ አየንበት! April 8, 2026
  • ኢትዮጵያና የተባበሩት መንግሥታት የልማት ፕሮግራም በሰላማዊ ኒውክሊየር ኃይል መርሃ ግብር በጋራ ለመስራት ተስማሙ March 29, 2026
  • ምርጫ ለማጨናገፍ ሻዕቢያ ያዘጋጀው የፕሮፓጋንዳ ማንዋል “ምርጫ ማክሸፍ የህልውና ጉዳይ ነው” ይላል March 29, 2026
  • ስብሰቡን “ሸፍጥ ይመስላል” ያሉት ዶ.ር ሚኒሊክ ከመጪው ቅዳሜ የአመጽ ጥሪ ምድብ ውጪ ሆኑ፤ የፋኖ ጉዳይ አስፈርቷል March 28, 2026
Social networks
FacebookLikes
X TwitterFollowers
PinterestFollowers
InstagramFollowers
YoutubeSubscribers
VimeoSubscribers
    VOE
    The VOICES OF ETHIOPIA/ VOE is free website provied news, information, opinions and analysis, from and to the public "በሰው ልጆች ዕልቂትና በብሄራዊ ጥቅም መነገድ ይቁም!"

    MENU

    NEWShomeMEDIAOPINIONtopnewswPOLITICSSOCIETYlawworldentertainmentECONOMYINTERVIEWeventsportOromiffafeaturedhotbusinessarchivetips
    © Copyright 2026,voicesofethiopia All Rights Reserved
    • CONTACT
    • law
    • INTERVIEW
    • ያበደው
    • ECONOMY
    • Home demo times
    • VOE VIDEO
    • ENGLISH PAGE
    • Home Demo default 2